የሂርና ተራራዎች
GAAROOTA HIRNA
{Jalle Michael}
1. Gaara Abdurazaq;garii kun magaala Hirna garra Bahatti kan argamu dha. Garri Abdurazaq nannawa Hirna gara baha hanga Dobaatti qaara. Fayiiddaan Garri kun Hirnaaff qabu Gurgurdaan. -karra Hirna keessa jiru Hundi kan itti Hojjatamu dhakaa Gaarra kanatti Kan Garagaantii jachuun bekamu dha. – fayidaan lammadaa Garra kana irraa Qabrroonni ummatta Hirna kan amantaa adda addaa asirratti fayadamu.
2. Gaarra Waleenso;garii kun magaala Hirna Gara kabbaatti argamu dha. Gaarri kun toora Qaraaruu kana irraa eegale Asphaltii garra chiro deemtuu tana qabattee Hanga Ganda Dildilatti deemuun garra Mirgaatti foxaqa. Garri kun Albuuda Dhakaa limestone ja’amu qaba ummanni Hirna baayinaan kan mana jaaran dhakaa kanaanii kana bira darbee fabrikoota simeentoof geefama.
3. Gaarra Quufa(said Ali); gaarri kun magaala Hirna garra Lixatti kan arkamudha. Garri kun toora Ganda Dildila Baka Abragodaana ja’amtu irraa egalee Hanga Gaara Quuffatti deema.
4. Gaarra Masala; gaarri kun lixa-kibaa magaala Hirnatti kan arkamudha. Gaarri kun Daangaa Annaa Masala fi Xullotti.
5. Gaarra Agamsa; gaarri kun kibbaa magaala Hirnatti kan arkamudha. Gaarri Agamsa garoota birootiin kan addaa ta’u garra Fuulle magaala Hirna dhakaa Albuudni limestone ja’amu qabaachuu isaatti fi garra karraa masalatti Deemuun imoo Dhaka Albuuda Gimson ja’amu qabaachuu dha.
Garootni magaala Hirna kun Gaarra Abdurazaq malee Albuuda limestone ja’amu ni qaban Akkasuma Albuuda Gimson qabaachuun isaani jaarmiya manattiif Halaan fayidaa Guddaa qabu. Sababa kananiis magaala Hirnaa investronii adda adda dhufanii Hojacha turan. Dhakaan limestone kun warshaa simiintoodhaa Hojjachuuf 80% akka fayadu ni Beekama. Akkasuma dha kaan Gimson ja’amu warshaa imna baradiif fayiidaa guddaa qaba. Albuuda Gimson kana yeroo amma warshaa itti fayadama kan “soof Umer” ja’amu dha.
Kaayyoon barreefama kana Biya tenya barreeduu tan Albuuda adda adda qabdu tana Adunyaaf Beeksisuun faayidaalee adda adda magaala Hirna fi HIRNOYEEF argamsisuu dha. Akkasuma Hirnoyee Baka adda adda jiran akka biyya isaani midhagduu tan qabeenyaan umamaan Badhaatuu Tana Beekanii qabeenya invest akka godhuu dha. “በእጅ የያዙት ወርቅ መዳፍ ነው” akka Tane HIRNOOYEE!!
(Jalle Michael)
Posted by Unknown at 12:44 No comments:
Email ThisBlogThis!Share to XShare to FacebookShare to Pinterest
Fitwrari Tekle Hawariat fi Hirna
ፊተውራሪ ተክለ ሐዋርዓት እና ሒርና
FITWRARI TEKLA HAWARIAT FI HIRNA
(Jalle Michael)
Carcar erga warrani minilik jala galte bara 1886 bulchaan Carcar General minilik Weld-Gebrel Aba Satan ta’e filame. Kaanbii waraani gara magaala Qunni gessee Qunnetti church Gorgies Jarre gaafana Qunnin capital city carcar Tate hanga magaala Chirotti dabrutti.(Haulk:1971;Hasan:1985)
Eega Hara warraana minilik jala galte Bulchaan Gutuu Hararghe Ras Mekonin ta’e. Bara Haile Slleisen angorra bahe galiin Ethiopia gudaan qonnaa akka ta’e hubachuudhaan carcar akka model Qonnaatti filatamte kana kan hogannu qabu Nama baratte kan akka Tekle Hawariat fi Dr,Martha or azazh workeneh kanaaf yadaman. (Greenfield 1969)
Tekle Hawariat bara 1923tti bulchaa carcar ta’e filatame. Gaafana capital city Qunni irra gara Hirnatti jijiruu barbaadde. Sababni jijiruu itti baarbaada ja’e H/S dhaleesi.(Bahru;1969)
Qunnin haalan qabanawu, qilleensa,garra gubba ta’uu isii fi bishaan dhabuu isiitti.
Sababni Hirna itti filachuu danda’e.
Bulchaa Carcar ta’u isaatiin Dura magaala Hirna bara 1913-14 waan jiraatef Hirnitti qonnaaf akka mijeeytuu Tate fi qilleensa midhaga akka qabdu beeku isaati. Garu akka carra ta’e H/s hayyama dhorkate.
Bara 1924 capital city carcar chiro akka ta’u filate. Sababa mogaasa maqaa irratti Fitwrariin Haala kanaan dubbata.
“የቆረቆርከውን ከተማ ምን ብለህ ትስይመለህ” ሲሉ በጥፈት ጠየቁኝ። እኔም “በጥንት ስሙ ጭሮ እለዋለው፤አለበለዚያም ባጠገቡ ሞቲ የሚባል ጋራ አለና ሞቲ እለዋለው”ስል መለስኩላቸው።
“አስበ ተፈሪ” ብለህ ስይመው ብለው በድጋሚ ጣፉልኝ።
“በቁምዎ ለራስዎ ስያሜ ከማውጣት ህዝቡ በኃላ መታስቢያ ብሎ አውቆ በስምዎ ቢስይመው ይሻላል”ስል ጣፍኩላቸው።
“እኛ እንዳልንህ አድርግ” ሲሉ በመቀያም ዐይነት ጣፉልኝ።
ብዙ ስዎች ለመደለያ ስል፤እኔ”አስበ ተፈሪ”ብዬ ከተማዋን የስየምኩ መስሏቸዋል።እኔ ግን ይህንኑ ለመግለጥ አጋጣሚ ሲፈቅድልኝ አልቦዘንኩምና “አንተ የስየምክ መስሎን አምተንህ ነበር” እያሉ ይገረማሉ። (አፈንዲ ሙተቂ:2006:ገፅ:148-149)
Sababoota kanneen armaan olitti ibsuuf yaaleen waldhabiin lamaan jiddutti umame ture. Capital city carcar chiro tatule Tekle Hawariat hojjilee isaa tan bara 1920 magaala Hirnatti egale ture hin dhaabne
Kaayyoon barreefama kana Bu’aa Tekle Hawariat fi Hirna jachuun kaafne Yaalii magaala Hirna capital city carcar jadhuuf yaalle bira dabre, Buaalee magaala Hirnaf bussee hanga beynu irra wal barbarsiisuu dha.
Buaan Hirnaaf busse hangana janne waan dubachatamutti haa garu dubachu hin oolu. Bu’aan gurguddoon Hirnaff.
1. master plan Ganda 01 fi karra gudda Ganda 01 haala bareda taen hojjatte.
2. Sarara bilbila magaala Hirna galche.
3. Bake bitta gurgurta hojjatte.
4. Kara daldala harren imalan kan Hirna gara dire dhawa hojjatte.
5. Baarzaafii adii biyya alatti fide Akkasuma.
6. Abuukoo Fitwrari fide. Bu’aaleen Tekle Hawariat Hirnaff busse isa kana jannu mitti. Nutti hundi isaaneen akka Fitwrari, Abdurazaq Mohammed, ma’aza Biru fakenya godhachuun magaala tenya qashtiiff buaa bussu qabna ja’ettiin yaada.
Jiruuffi jireenya Fitwrari magaala Hirna keessa jiraate waldhabiin waan jiruuf yeroo biraa bal’naan itti dachaana.
WARRA MAGAALA TENYA QASHTIIDHAAF HOJJIILEE BABAREDUU AkKANA HOJJATTAN MAQAA HIRNOOYEETTIIN GALATOOMFADHA !!!!!!


